Ibsa Koreewwan Fala Barbaadduu Hawaasa Musliimaa Itiyoophiyaa Irraa Kenname!

Dilbata, Fulbaana 01/2009 Finfinnee/Itiyoophiyaa

Maqaa Rabbii Akkaan Mararfaataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin!

Kabajamtoota Ummatoota Itoophiyaa!

Qaama Seenaa yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa biyyi keenya dabarsitee kan ta’e, tayitaan Uummataa akka kabajamu, sirni walqixxummaa fi faayidaa walqixaa argachuu hojiirra akka ooluu fi walumaagalatti dhabaminsi sirna dimookiraasii hunda hirmaachise, haala yaaddessaa wayitaawaa hamma nu mudate akka nu dhaqqabu taassisuu isaa eenyuufiyyuu ifa dha.

muslim

Kanumaa waliin walqabatee yeroo hammaa kanatti, haala qabatamaa Uummatichi gaaffii mirgaa fi bilisummaa qabatee dirreetti bahee, sirnicha itti morme, sababa kanaatiinis kutaalee biyyattii gara garaa keeysatti aarsaan hanga lubuu wareeguu, akka guutuu biyyattiittis muddamni cimaan yeroo itti mudatee jiru keeysa jirra.

Diddaan hawaasummaa kun bu’aa gaaffii Uummataa, kan waggoottan hedduuf walitti kuufame malee, taatee miira Uummataatiin guyyaa tokkotti uumame miti. Mootummaan biyyattii hoogganaa jiru, gaaffii Uummataaf gatii laachuu dhabuu fi Uummata madda taayitaa ta’eef tuffiin inni qabu haalaan jabaataa waan ta’eef, qaama Uummata mirga lammummaa fi namoomaa karaa nagayaa gaafateen, akka diinaatti ilaaluun maqaa Shororkeessummaa itti maxxansaa tureera. Gochaa Mootummaa kanaaf fakkeenya kan ta’u, gaaffii walabummaa amantii hawaasni Musliimaa biyyattii kaaseef, haala inni itti keessummeesse akka ragaatti fudhatamuu danda’a. Sirni haqaa biyyattiis murtee siyaasaa irraa bilisa kan hin taaneefi, meeshaa cunqursaa Mootummaa ta’uu isaa, Miseensoota Koree keenyaa fi gargaartoota isaanii irratti murtee dabaa murteeffame ilaaluun gahaa dha. Kana irraan kan ka’e, gaaffiiwwan Uummataa kana fakkaatan humnaan waan ukkaamfamaniif, haqni dabuun dhabaminsi mirga lammummaa fi walabummaa sadarkaa ol’aanaa irra waan gaheef, Uummatichi sirna bulchiinsichaa mormiin dirreetti bahuuf dirqameera. Taatee seena qabeessa kana haala bilchina qabuun keessummeessuun dirqama lammiiwwan biyya keessaa fi lammiiwwan keenya biya alaa hunda dha jennee amana. Jibbaa fi siyaasa haaloo irratti hundaa’uun geggeffamuun raafamaa kan turte biyyattiin keenya, rakkoowwan hedduu isheen qabdu hundi furmaata argachuun, biyya walabummaa fi mirgi Uummataa keeysatti kabajame, biyya lammiiwwan jaalalaa fi kabajaan keessa jiraatan, biyya walqixxummaa fi walqixa fayyadamummaa, akkasumas biyya badhaatuu ol’aantummaan seeraa fi heeraa keeysatti kabajame akka taatuuf, gaaffiiwwan Uummatni biyya keenyaa kaasan deebii qajeelaa fi quubsaa argachuu qaba. Gama biraatiin Mootummaan sagalee Uummataa madda taayitaa ta’e afaan qawweetiin ukkaamsuuf yaaluun bu’aa kan hin argamsiifne ta’uu isaa hubachuu fi Uummatni haqa dheebote kaayyoo isaa galmaan gahuu irraa kan isa deebisu humni lafarraa tokkollee akka hin jirre hubachuu dha qaba.

 

Nageenya kabachiisuu dahoo godhachuudhaan Uummata irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuun furmaata ta’uu akka hin dandeenyes beekuu dha qaba. Uummatichis deebii fakkeessaa kan hundeerraa jijjiirama hin fidneen kan hin goowwofamne ta’uu beekuu dha qaba. Inumaayyuu Mootummaan gaaffii uummataaf deebii kennuu dhabuu irratti ejjennoo qabuu fi ilaalcha aantummaa siyaasaarrtti qaburraa bilisa of gochuun gaaffiiwwan Uummatni kaase deebii qixa ta’e argachuu keessatti shoora irraa eegamu bahuun, gaaffii seenaa irraa of baraaruu qaba jenna.

Dabalataanis lammiiwwan caasaa Mootummaa sadarkaa hunda irra jiran, gochaawwan biyyaa fi uummataaf fayyadan raawwachuun, itti gaafatamummaa seenaan irratti gate akka bahan amaanaa jenna. Abbootiin amantii fi Jaarsoliin biyyaa fedhii, faayidaa fi nageenya Uummataa, akkasumas haqa cinaa dhaabbachuun muddamni jiru karaa nagayaan akka furamu gochuuf, Mootummaa gorsuu fi akka Mootummaan sagalee Uummataa dhagahuuf Mootummaa akeekkachiisuun achiis lammiiwwan obbolummaa fi Tokkummaa isaanii jabeessuu qaban barsiisuu irratti itti gaafatamummaan wayitaawaa ta’e isaan irra waan jiruuf, itti gaafatamummaa amantii fi biyyaa isaan irra jiru akka isaanirraa eegamuun bahuuf carraaquu qabu jenna. Hojiin hooggantoota amantii kana ta’uu osoo qabuu, hooggantoonni Majlisa seeraan alaa garuu yeroo garaa garaatti akka Mootummaan Uummata irratti tarkaanfii fudhatu kan gargaaru, yaadaa fi ibsa dubbii xuqatan yogguu kennan argamu. Haa ta’u malee namoonni kunis ta’an yaadonni isaan kennan tasuma Hawaasa Musliimaa kan bakka hin buune ta’uu isaa dhugaa hundi keenya beeknu dha.

Kabajamoo fi Jaallatamoo Musliimoota Itiyoophiyaa!

Waggoottan shanan darbaniif, gochaa Mootummaan dhimma amantii keenyaa keeysa seenuun dhaabbilee amantii keenyaa harka isaa galchachuu isaa ifatti mormuu fi mirga walabummaa amantii keeysanii kabachiifachuuf karaa nagayaan qabsaa’aa hanga guyyaa har’aatti qabsoo cichitanii turtaniittu. Ifaajee keeysan kanaaf Rabbiin ol-ta’aan miindaa keeysan akka isiniif heeddummeessu hawwina.

Yaa Kabajamoo Uummata Keenyaa!

Walabummaa fi mirgi qabeenya qaalii harka uummataa jiru dha. Qabeenya kana dhabuun Uummatni dhiibame kamuu, shoorrii fi itti gaafatamummaan inni walqixxummaa fi fayyadamummaa qixa ta’e argachuuf qabsaa’uuf qabu, adda dureen kan ilaallatu uummatichuma dha. Nama ta’uu keenya qofaaf walabummaa fi mirgoota gonfanne kabachiisuun dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef, itti gaafatamummaa lammiiwwan hundaa akka ta’e hubachiisun barbaachisaa dha. Waan kan ta’eef, Musliimoonni biyya keenyaa kan biyya keeysattis ta’e biyya alaatti argamtan guutuun biyya keenyaa Itiyoophiyaan, biyya mirgoonni lammiilee keeysatti kabajame, biyya haqi keeysa diriiree fi biyya walqixxummaan keeysatti mirkanaa’e akka taatuuf, lammiiwwan biyyattii biroo waliin harka walqabachuun shoora isin irraa eegamu bahuun itti gaafatamummaa booriif hin bulle akka ta’e hubachiisuu barbaadna.

Garaagarummaan amantii fi sanyii osoo nu hin daangessiin haqaaf Tokkummaatiin dhaabbachuu akka qabnu Nabiyyuun Mohaammad (s.a.w) nu barsiisaniiru. Hojiitti hiikuunis agarsiisaniiru.

Yaa Uummata biyya Keenyaa Kabajamoo!

Hayyoonnii fi Ceessistoonni jijjiiramaa (Aktiivistoonni) biyya keeysaa fi biyya alaatti argamtan, biyya keenya rakkoolee hamma ishee qunnaman irraa baraaruuf kallattii qabxiilee furmaataa hunda hirmaachisanii fi qabxiilee furmaataa walii galtee uuman irra gahuuf Tokkummaadhaan guyyaa fi halkan hojjechuutu isin irraa eegama. Beektoonni siyaasaas dubbii siyaasaa isaanii keeysattis ta’e ibsa gaazexessitootaaf kennan keeysatti ibsa obbolummaa fi tokkummaa Uummataa jabeessuu irratti xiyyeeffachuun yeroo kam caalaayyuu ibsa kennuun isaanii, akkasumas siyaasa irra waliif darbuu hundee godhate qabatanii deemuun isaanii akkaan barbaachisaa dha jennee amanna. Kanaafis siyaasa haaloo, jibbinaa fi loogii irratti hundaa’e yeroo dhumaaf sirna awwaalchaa isaa raawwachuun ni danda’ama abdii jedhu qabna.

Yaa Uummata Biyya keenyaa Kabajamoo!

Ilaalchi gama kamiinuu darbatamu kan uummata walitti naqu, kan haala waliigalaatiin saba tokko balaaleffatu, hololli jibbinaa saba tokko qooduun irratti hafarfamu, biyyattii hubaatii keeysa waan galchaniif, waanti kana fakkaatu akka hin uumamne xiyyeeffannoo guddaa taassisuun barbaachisaa dha.

Qaamonni dhimmi isaa ilaallatu hundis gochaawwan fayyaa ummataa fi diigumsaa ta’an akka hin uumamne hojiiwwan ittisan dalaguu irraa akka of hin dagne jabeessinee hubachiisna.

Uummanni keenya hariiroo obbolummaa baroota dheeraaf ture jabeessee qabachuun biyya Itiyoophiyaa dagaagduu, kan jireenya lammii isheef filatamtuu taate akka ijaaru shakkii hin qabnu. Carraa kanaan Uummattoonni biyya keenyaa adda addummaan sanyii fi amantii osoo isaan hin daangessiin tokkummaa isaa waan agarsiiseef, taatee seena qabeessa kanaaf kabajaa qabnu ibsuu barbaadna. Keessumaayyuu lubbuu Naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi naannolee biraa keeysatti darbaniifi obboleewwan keenya kanneen miidhamni qaamaa irra gaheef, gaddi qabnu gadda guddaa akka ta’e ibsachaa, Maatiiwwanii fi Uummata Biyyattii hundaaf obsaa fi jajjabina hawwina.

Biyyi keenya biyya mirgi lammummaa keeysatti kabajame, biyya haqi keeysatti diriire, biyya tokkummaan keeysatti mirkanaa’ee fi biyya lammiiwwan nagayaan keeysa jiraatanii fi biyya badhaatuu akka taatuuf yeroo hunda kadhannaa keenya keeysatti akka yaadannu jabeessinee dhaammanna.

Yaa Rabbii keenyaa biyyaa keenya , biyya Bilisummaan, haqi, walqixxummaanii fi nageenyi keeysatti dagaage, biyya jireenya ilma namaaf mijooftuu, dagaagina meeshaa fi hamleetiin biyyoottan Addunyaa keeysaa akka fakkeenyaatti kan fudhatamtu akka nuuf taassistu jabeessinee si kadhanna. Aamiiin!

————————————————————————— Garagalcha: miidiyaalee biyya keesaafi biyya alla hubdaaf

3